• Kayyoo Guddaadhaf nan Waammame Called to a higher purpose (Azad from Iraq Kurdistan)
    Kan Hiike fi Kan Qindeesse, Qopheessaa

    Ani kanan dhaladhee fi kanan guddadhe kaaba Iraaq keessatti yoo ta’u warri kootis galii giddu galeessa ta’e kan qaban turan. Haati koo kan duute ani daa’ima waggaa afurii yemmuun turetti yoo ta’u abbaan kootis niitii biraa fuudhudhaaf hin barbaadu ture. Akkuma abbaa gaarii kamiituu haala dansaadhan na kunuunsu fi na jaalachuudhan na guddisee jira. ...